Inisheetiiviin misooma qamadii Wabii Nyaataa Mirkaneessuuf murteesaa dha
Bulchiinsi magaalaa Shaggar misooma qonnaatiif hundaa olitti xiyyeeffannaa olaanaa kennee hojii hojjechaa jiruun bu’aawwan jajjaboon jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiran galmaa’aa jiru. Keessattuu inisheetivii qamadii bonaatiin hojii hojjetameen fedhii biyya keessaa guutuu bira darbuun gara alaatti erguun diinagdee biyyaa utubuun danda’ameera. Bulchiinsa Magaalaa Shaggar kutaa Galaanitti qamadii jallisii bonee marsaa 1ffaan lafa hektaara 6868 ol facaasuuf karoorfame hojjatamaa jira.Haaluma kanaan guyyaa har’aa Kutaa magaalaa Galaan ,aanaa Andoodetti bakka sadarkaa itti aanaa kantiibaa magaalaa Shaggaritti qindeessaan kilaastera qonnaa fi misoomaa obbo Girmaa Hayiluu,itti gaafatamaan wajjira qonnaa magaalaa Shaggar obbo Dajanee Baqqaluu akiasumas bulchaan kutaa Magaalaa Galaan obbo Kiflee Calqabaa fi hooggantootni magaalaa Shaggar fi kutaa magaalaa fi aanaalee akkasumas qotee bultootni argamanitti facaasiin qamadii jallisi bonee kilasteraa eegaalee jira.
